Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota kurnan itti aanaan naannawaa Rooba Waqtii Gannaa argatanitti hammi Roobaa cimee itti fufa jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC) – Guyyoota kurnan itti aanaan naannawaa Rooba Waqtii Gannaa argatanitti hammi Roobaa cimee kan itti fufu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiise.

Kibbi Lixa Itiyoophiyaa, Lixa, Kaaba Lixaa fi Giddugaleessi biyyattii guyyoota kurnan itti aanaan hamma Roobaa olaanaa argachuu akka danda’an haalli qilleensaa kan mul’isu ta’uu himeera.

Haaluma kanaan Godinni Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Jimmaa, Godinaaleen Wallaggaa, Shawaa, Naannoo Amaaraa Godinaaleen Goondar, Walloo, Godinbi Saba Oromoo, Awwii, Goojjam, Shawaa fi Waahigmiraan guyyoota kurnan itti aanaan Rooba salphaa hanga cimaa kan argatan ta’uu Inistiityuutichi ibseera.

Akkasumas naannoo Tigraay dabalatee Kutaaleen Kibba Itiyoophiyaa, Naannoon Gaambeellaa, Godinaaleen Naannoo Sidaamaa, Hararii fi Dirre Dhawaan hamma Roobaa salphaa hanga Cimaatti kan argatan ta’uu himeera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.