Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota kurnan itti aanaan kutaaleen Itiyoophiyaa harki caalu qilleensa qorraa qabaatu jedhame

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC) – Har’aa eegalee Guyyoota kurnan itti aanaan keessa kutaaleen Itiyoophiyaa harki caalu qilleensa qorraa qabaatu jedhameera.

Iddoowwan olka’oo Kaaba, Kaaba Bahaa, Baha, Giddu galeessaa fi Kibba Itiyoophiyaatti guyyoottaan kurnan itti aanan keessa halkanii fi ganama qilleensi qorraan kan cimu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Kutaaleen Kibba Lixaa, Kibbaa fi Kibba Bahaa ammoo Rooba salphaa hanga giddu galeessaa kan argatan ta’uu himeera.

Qilleensi Qorraa gogaan kutaalee biyyattii harka caalu akka uwwisu ragaaleen kan mul’isu ta’uu eereera.

Gama biroon kutaaleen Kaaba, Kaaba Lixaa fi Bahaa biyyattii rooba waqtii isaa hin eegne kan argatan ta’uu ibseera.

Waliigalaan Godinni Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu, Jimmaa Buunnoo Beddellee, Arsii Lixaa, Baalee, Gujii, Booranaa, Goojjam Bahaa, Goondar Kibbaa, Walloo Kibbaa, Godinaaleen naannoo Sidaamaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Naannoo Kibba Itiyoophiyaa fi Godinaaleen Naannoo Somaalee Rooba Idilee fi Idileen olii argachuu danda’an jedheera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.