Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota kurnan itti aanaan kutaalee biyyattii iddoolee tokko tokkotti Roobni idilee fi idileen olii ni jiraata jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2016 (FBC) – Guyyoota kurnan itti aanaan kutaalee biyyattii iddoolee tokko tokkotti Roobni idilee fi idileen olii kan jiraatu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa beeksiise.

Gama biroon kutaaleen biyyattii harki caalu haala qilleensa gogaa, aduu fi qabbanaa’aa kan qabaatan ta’uu Inistiityuutichi ibsa kenneen himeera.

Kutaaleen Kibba Lixaa, Kibbii fi Kibbi Bahaa biyyatti Rooba hammaan xiqqaa ta’e kan argatan ta’uu raageera.

Akkasumas Kibba Lixaa, Lixaa fi Baha biyyattiitti haalli qilleensaa gaarii ta’e kan jiraatu ta’uu raagni raaggame kan mul’isu ta’uu eereera.

Kibba Lixaatti Rooba waqtii Bonaa marsaa 2ffaa ta’uu isaan Kutaalee Walakkaa Kibba biyyattii iddoolee tokko tokkotti Hammii Roobaa giddu galeessi, Idilee fi idileen olii kan jiraatu ta’uu ibseera.
Giddu galeessa, Bahaa fi Kaaba Lixaatti Roobni waqtii isaa hin eegni mudachuu akka danda’u himeera.

Guyyoota kurnan itti aanaa Godinaalee Wallaggaa hunda, Jimmaa, Aluu Abbaa Boor, Buunnoo Beddellee, Godinaalee Arsii, Baalee, Gujii, Harargee Bahaa fi Lixaa, Booranaa, Naannoo Ameeraa Lixa Goojjam, Goondar, Naannawaa Bahiir Daar fi Godinni Awwii Rooba Idileen olii qabaatu jedhame.

Dabalataan Godinaaleen Naannoo Beenishaanguul Gumuz, Sidaamaa, Kibba Itiyoophiyaa, Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Somaalee, Hararii fi Dirre Dhawaan hamma Roobaa Idileen olii kan argatan ta’uu raageera.

Iddoolee muraasatti balaan lolaa tasaa mudachuu akka danda’u hubachiiseera.

Akkasumas Godinaaleen Naannoo Gaambeellaa, Giddu galeessa Itiyoophiyaa, Godinni Kaabaa fi Kibba Walloo, Goojjam Bahaa, Finfinnee, Godinaaleen Shawaa hundi, Godinaaleen Kibbaa, Lixaa fi Kaaba Lixaa naannoo Tigraayii fi Afaar iddooleen tokko tokko Rooba Waqtii isaa hin eegne Rooba salphaa hanga giddu galeessatti kan argatan ta’uu Inistiityuutichi himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.