Fana: At a Speed of Life!

Guyyoota 10 keessatti barattoota harka qalleeyyii miiliyoona 2.6’f deeggarsa meeshaalee barnoota walitti qabuuf hojjetamaa jira – Biiricha

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC) – Guyyoota 10 keessatti barattoota harka qalleeyyii miiliyoona 2.6’f deeggarsa meeshaalee barnoota walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immaanii Oromiyaa ibse.

Bara kana hojii tajaajila lammummaan barattoota harka qalleeyyii miiliyoona 3 fi kuma 466 fi 527 deeggarsa meeshaalee barnoota taasiisuuf karoorfamee hanga ammaatti barattootaa kuma 772 fi 548 deeggarsi taasiifamuu Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immaanii Oromiyaa himeera.

Biirichi deeggarsa meeshaalee barnootaa guyyoota 10’f turu ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.

Sosochii sassaabbii deeggarsa meeshaalee barnootaa guyyoota kudhaniif turu kanaan barattoota harka qalleeyyii miiliyoona 2.6 deeggaruuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immaanii Oromiyaa Aadde Maabraat Baacaan himaniiru.

Sosochiin kunis mata duree “Meeshaalee barnoota daa’immanii arjoomuun dirqama lammumma haa baanu” jedhuun kan geggeeffamu ta’uu Aadde Maabraat eeraniiru.

Hojii tajaajila lammuummaa bara kanaatiin Manneen harka qalleeyyii kuma 130 fi 652 ijaaruuf karoorfame keessaa hanga ammaatti manneen kumni 42 fi 111 ijaaramuu eeraniiru.

Deeggersa loonii, Gaarii Harree fi luukkuu dabalatee walumaa galatti bara kana hojii tajaajila lammummaa Birrii biiliyoona 53.2tti tilmaamamu hojjechuuf karoorfamee dubbachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.