Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan yaadannoo wareegamtootaa 84ffaan kabajameera

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee Siidaa yaadannoo wareegamtootaa Gurraandhala 12 tti argamuun abaaboo kaa’aniiru.
Sirna Abaaboo kaa’uu kanarratti Dura taa’aa waldaa Gootota Ityooohiyaa lij Daani’eel Jootee Masfin dabalatee gootoonnii fi keessummoonni waamicha taasiifameef argamuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Ayyaanichi Gurraandhala 12, bara 1929 ajjeechaa jumlaa Xaaliyaaniin jiraattoota magaalaa Finfinneerratti raawwatte yaadachuuf kabajameera.
Xaaliyaaniin Gurraandhala 12, 1929 guyyaa tokkootti jiraattoota magaalaa Finfinnee kuma 30 jumlaan ajjeessuun ishee kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.