Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Tuurizimii Addunyaa sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira

Finfinnee,Fulbaana 18,2017(FBC)_Guyyaan Tuurizimii Idil Addunyaa mata duree “Tuurizimiin Nageenyaaf “jedhuunPaarkii Inxooxxootti kabajamaa jiraachuun ibsame.

Saganticharratti Ministirri Ministeera Tuurizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii dabalatee qondaaltoonni olaanoo mootummaa federaalaa biroon argamaniiru.

Ambaasaaddar Naasiseen haasawaa taasisaniin,Ispoortiin namoota kan walitti fiduufi muxannoo gaariin irraa qoodamu ta’uu hubachuun Fiigicha guddicha waliin qindeessuun guyyicha kabajaa jiraachuu himan.

Fuulduratti damee Ispoortii waliin qindoomuun tuurizimii misoomsuuf kan hojjetan ta’uu ibsuun, bakkewwan hawwata tuurizimii misoomsuuf hojiileen dandeessisan kan hojjetaman ta’uu kaasaniiru.

Yismaawu Adaraawutu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.