Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Turizimii Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti kabajama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Guyyaan Turizimii Ityoophiyaa bara kanaa naannoo Beenishaanguul Gumuzitti kan kabajamu ta’uu Ministeerri Turizimii beeksiise.

Guyyaan kun Fulbaana 13 -15, 2015 magaalaa Asoosaatti ni kabajama jedhame.

Guyyichi sadarkaa biyyaalessaatti yeroo 35ffaaf ‘Yaada haaraa Turizimiif’ mata duree jedhuun kan kabajamu ta’uu Ministirri Ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin ibsaniiru.

Naannoon Beenishaanguul Gumuz Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa dabalatee iddoolee hawwata Turizimii hedduu qabaachuu isheen sirnichaaf filatamuu kaasaniiru.

Guyyaan Turizimii kun bara kana naannolee biroo keessattis kan kabajamu ta’uu Ambaasaaddar Naasiiseen ibsaniiru.

Meeroon Mulgeetaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.