Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Turizimii Addunyaa 17ffaan magaalaa Shaashamanneetti kabajamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2013 (FBC) – Guyyaan Turizimii Addunyaa 17ffaan akka Oromiyaatti magaalaa Shaashamanneetti kabajamaa jira.
 
Prootokoolii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e eeggachuun iddoole hawwata Turizimii misoomsuun barbaachisaa ta’uu Ministir deettaan Ministeera Aadaa fi Tuurizimii aadde Buzeenaa Abduulqaadir beeksisaniiru.
 
Nageenyii fi Turiizimiin dhimmioota adda hin bane ta’uu hubachuun hojjetamuu akka qabus eeraniiru.
 
Tuurizimiin jireenya lammiilee gara Badhaadhinaatti ceesisuuf hojiin hedduun hojjetamuu akka qabu aadde Buzeenaan himaniiru.
 
Fooyya’iinsa diinagdee akka biyyatti gaggeeffamaa jiru keessaa Turizimiin toora xiyyeeffannoo olaanaa taasiifamu dubbataniiru.
 
Turizimii fi nageenyi dhimmoota adda hin bane ta’uu hubachuun naannooleen hundi xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
 
Damee Turizimii babal’isuuf ijaarsa bu’uraalee misoomaa fi iddoolee hawwata Turizimii beeksisuuf hojjetamaa jiraachuu hoogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deessiisaan himaniiru.
 
Naannoon Oromiyaa caasaa Koomishinii Turizimii Oromiyaa jedhamu akka hundeesse dubbataniiru.
 
Taatee yeroo tokko muudatu afarsuun keessummootaaf naannichi mijataa miti jedhamee ololli afarsamu soba akka ta’e himaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.