Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan tajaajiltummaa kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 4,2014(FBC)- Guutuu biyyattiitti guyyaan tajaajiltummaa hojiilee tola ooltummaan kabajamaa jira.

Guyyaa tajaajiltummaa ilaalchisee hoggantoonni olaanoon Ministeerota Hojiifi Ogummaa, Tuurizimiifi Innooveeshiniifi Teekinooloojii mata duree “tajaajiltummaan anarraa eegala” jedhuun paarkii Inxooxoo qulqulleessaniiru.

Paarkicha qulqulleessuu dabalataan guyyicha hojiilee tola ooltummaa garaagaraa hojjechuun kan kabajan ta’uu ragaan Ministeera Hojiifi Ogummaarraa argame ni mul’isa.

Guyyaa itti tajaajilamtoonni tajaajiltoota itti galateeffatan kun aadaa tajaajiltummaa guddisuufi tajaajilamtoonni aadaa galateeffachuu akka baraniif qooda qabaachuu Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa aadde Muufariyaat Kaamil ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.