Guyyaan saboota, sablammootaa fi uummattootaa 16ffaan magaalaa Dirree Dawaatti kabajamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC)– Guyyaan Ayyaana saboota, sablammootaa fi uummattoota Ityoophiyaa 16ffaan magaalaa Dirree Dawaatti kabajamaa jira.
Ayyaanichi mata duree “ Obbolummaan tokkummaa Sabdaneessaaf” jedhuun kabajamaa jira.
Saboonnii fi sablammoonni naannolee garaagaraarraa dhufan uffannaa aadaan faayamanii agarsiisa garaagaraa argisiisuutti jiru.
Ayyaanicharratti Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawudee, Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar fi hoggantoonni olaanoo naannolee argamaniiru.
Ayyaanichi wagga waggaan sadaasa 29 sirnoota garaagaraan kan kabajamudha.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.