Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Sabaafi Sabalammootaa sadarkaa biyyaalessaatti kabajama-MMF

Finfinnee, Sadaasa 3, 2016 (FBC)- Guyyaan Sabaa fi Sablammoota Ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaan sadarkaa biyyaalessaatti haala hawwataa ta’een akka kabajamu Manni Maree Federeeshinii beeksise.

Afyaa’iin Mana Maricha Obbo Aganyaawu Tashaagar kabaja guyyichaa sababeeffachuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa isaaniin, Guyyaan Sabaaf Sablammoota 18ffaan sadarkaa biyyaalessaatti mata duree “Heddumminnii fi walqixxummaan guddina biyyaalessaaf” jedhuun qophiilee garaagaraan kan kabajamuu ta’uu dubbataniiru.

Guyyichatti Sabaaf fi Sablammoonni Itiyoophiyaa, muxxannoo fi Aadaa isaanii waljijjiiraan, tokkummaa diimokiraasummaa kan itti cimsatan, nageenya waaraa mirkanneessuu fi guddina dinagdeef yeroo kuttannoon ka’aniidha jechuu isaanii ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.

Guyyichi Sadaasa 25, 2016 irraa eegale guyyoota 5’f kan kabajamu ta’uu ibsuun, Sadaasni 25, “Guyya Obbolummaa”, Sadaasni 26 “Guyyaa Waloomaa”, Sadaasni 27, “Guyyaa heddumminaa”, Sadaasni 28 “Guyyaa Ida’amuu”, Sadaasni 29 immoo “Guyyaa Itiyoophiyaa” jedhamuun moggafamuun ibsameera.

Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf gochaawwan tokkummaa cimsaniif dursi ni kennama kan jedhan Obbo Aganyawu Tashaagar, keessumaa kabaja egeree biyyaaf jecha daandiilee nageenyaa hunda fayyadamuun filannoof kan hindhiyanneedha jedhaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.