Guyyaan Sabaaf Sablammootaa 18ffaan magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Qindeessummaa Mana Maree Federeshinii fi Mootummaa Naannoo Somaaleetiin Guyyaan Sabaaf Sablammootaa 18ffaan magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jira.
Ayyaanichi mata duree “Hedduminaafi walqixxummaa tokkummaa biyyaalessaaf” jedhuun guyyoota shaniif qophilee garagaraan kan kabajama jedhame.
Guyyaa har’aas mata duree Guyyaa Obbolummaa jedhuun kabajameera.
Ayyaanichi walqixxummaa fi walitti dhufeenya ummattootaa cimsuuf shoora olaanaa qaba jedhameera.
Dassaalenyi Abarraatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.