Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Sabaaf sablammootaa 17ffaan mata duree ‘tokkummaa sabdaneessaa nageenya waaraaf’ jedhuun kabajama

Finfinnee, Hagayya 13, 2014 (FBC) – Guyyaan Sabaaf sablammoota Ityoophiyaa 17ffaan mata duree ‘tokkummaa sabdaneessaa nageenya waaraaf’ jedhuun kan kabajamu ta’uu Manni Maree Federeeshinii ibse.
Guyyaan sabaaf sablammootaa bara kanaa qindoomia Mana Maree Federeeshinii fi naannoo Sidaamaan kan kabajamu ta’uu Af Yaa’iin Mana marichaa Obbo Aganyahu Tashaagar ibsaniiru.
Ayyaannichi ummattoota gidduutti walqixummaa, tokkummaa fi obbolamummaa cimsuun duudhaalee aadaa kan dagaagsu ta’uu obbo Aganyahu eeraniiru.
Guyyaan kun guyyaa heerri mootummaa itti ragga’e sababeeffachuun kan kabajamu ta’uu isaan, dhaloonni ammaa ijaarsa biyyaa, waa’ee heera mootummaa, seenaa fi aadaa isaa hubachuun eenyummaa isaan akka boonu taasiisa jedhan.
Ayyaannichi guyyaa tokko qofa osoo hin taane ammaa eegalee dhaabbilee mootummaa sadarkaa federaalaa fi naannoleetti taateewwan garaagaraan kan kabajamu ta’a jedhaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.