Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Saayikilootaa fi imaltoota miilaa 2ffaa biyyaalessaa Magaalaa Finfinneetti qophii gara garaan kabajame

Finfinnee, Onkolooleessa 1, 2013 (FBC) – Guyyaan Saayikilootaa fi imaltoota miilaa 2ffaa biyyaalessaa Magaalaa Finfinneetti qophii gara garaan kabajame.

Karaa nageenyisaa eegameen “guyyaa saayikilootaa fi imaltoota miilaa 2ffaa”- mata duree jedhuun akka biyyaalessaatti Guyyaan saayikiloota fi imaltoota miilaa Magaalaa Finfinneetti qophii garagaraan kabajameera.

Sagantichis kaayyoo imaltoonni miilaas ta’e saayikiloonni yaadaa miidhaa balaa tiraafikaa hir’isuuf kan qophaa’e ta’uu, Ministirri Geejibaa aadde Daagimaawit Mogas sirnicha irratti dubbataniiru.

Barsiifata haala itti fayyadama imaltoota miilaa guddisuun kan barbaachisu ta’uu, Aaddee Daagimaawit himanii, hawaasni wayita sosocho’utti aadaa haala fayyadamiinsa daandiisaa foyyeessuun mataasaa balaarraa baraaruu akka qabu hubachisaniiru.

Saganticha irrattis Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa hirmaataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.