Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa boru ni kabajama

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2015(FBC)- Guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa guyyaa boruu kabajamu sababeeffachuun agarsiisni suuraa mata duree “ Maddi Cimina Keenyaa Uummata keenya” jedhuun banameera.

Agarsiisni suurichaa adeemsa hundeeffama Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa eegalee hanga ammaatti jiru kan mul’isu ta’uu ibsameera.

Agarsiisni suuraa kun bara 1900-2015 yookaan ammoo Fiitaawuraarii Habtagiyoorgis Diinagdee hanga Dooktar Abrahaam Balaay akkasumas Meejer Jeneraal Mulugeetaa Bulii hanga Fiild Maarshaa Birhaanuu Julaakan argisiisudha jedhame.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay hoggantoota biroo waliin ta’uun agarsiisa suuraa kana bananiiru.

Agarsiisni suuraa kun guyyaa boruu irraa eegalee hanga Onkololeessa 18, 2015 kan turu ta’uu eerameera.

Kabaja guyyichaa ilaalchisee mariin paanaalii kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Hayilayyasuus Siyyumtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.