Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan qaama miidhamttota Addunyaa akka oromiyaattii dhaadannoo”weerara dhibee covid_19 booda Addunyaa miijattuu fi itti fufiinsa qabu” magaalaa Jimmaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 27, 2013 (FBC) – Guyyaan qaama miidhamttota Addunyaa akka oromiyaattii dhaadannoo”weerara dhibee covid_19 booda Addunyaa miijattuu fi itti fufiinsa qabu” magaalaa Jimmaatti kabajamaa jira.
Ayyaanichi guyyaa kaleessa daldala baazaariin eegaleera.Guyyaa haarraa immoo fiigicha paaraa Olompik qaama miidhamtootaan gaggeefameera.
Qaama miidhamtoota fiigichaan sadarkaa 1 haanga 3 bahaaniif badhaasnii gosoota adda addaa guyyaa boruu kan badhaafaman tayuu preezdantiin federeshinii Qaama miidhamtoota Oromiyaa obbo Daraaraa xaafoon himaniiru.
Qaama miidhamaa tayuun dandeettii qabnuu kamutti fayyadamuu fi agarsiisuuf wantii dhorkuu waan hin jirreef, qaama miidhamtoonni dandeetti qabanitti kallatti kamuunuu fayyadamuu qabu jechuun obbo Daraaraan dubataniiru.
Ayyanichiis dunguu qabsiisuu, dnadeettii qaama miidhamtonni qaban hojiin agarsiisuu fi qaama miidhamtoota dandeetti addaa qabanis badhaasuun haanga guyyaa boruutti ni kabajama.
Jamiilaa Jamaaltu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.