Guyyaan Meetirooloojii Addunyaa kabajamaa jira
Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC) –Guyyaan Meetirooloojii Addunyaa akka Itiyoophiyaatti yeroo 43ffaa fi akka Addunyaatti yeroo 63ffaaf kabajamaa jira.
Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaan mata duree ‘jijjiirama qilleensaarratti hirmaannaa adda duree’ jedhuun guyyicha kabajaa jira.
Guyyaan Meetirooloojii Addunyaa bara Faranjootaa 1950 erga Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanirraa beekkamtii argatee eegalee biyyoota miseensa ta’an keessatti sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.
Mintasinoota Mullugeetaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.