Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan kenniinsa qormaata eebbaan boodaa biyyaalessaa dheereffame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2017 (FMC) – Guyyaan kenniinsa qormaata eebbaan boodaa biyyaalessaa (NGAT) marsaa 3ffaan gara Bitootessa 12, 2017’tti dheereffamuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministeerichi Bitootessa 5 akka kennamu sagantaan bahee turuu yaadachiisuun, bu’uura gaaffii namoota qormaaticha fudhataniin gara Bitootessa 12’tti dheereffamuu ibseera.

Guyyaan galmee hanga Bitootessa 1, 2017’tti tures hanga Bitootessa 4,2017tti dheereffamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.