Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Ityoophiyaa Eksipoo Dubaay 2020tti kabajamaa jira

 

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Guyyaan Ityoophiyaa Eksipoo Dubaay 2020tti kabajamaa jira.

Saganticharratti Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoo dabalatee Ministiroonni, hoggantoonni olaanoon Eksipoochaa, dhalattoonni Ityoophiyaa magaalota Eemireetota Araba  Gamtoomanii garaagaraarraa dhufanii fi hirmaattonni biyyoota biro argamaniiru.

Sagantichaan hariiroo cimaa  Ityoophiyaan Eemireetota Araba Gamtoomanii waliin qabduu kaasuun agarsiisin aadaa, tuurizimii fi invastimantii qabeenya Ityoophiyaan qabdu beeksisuun carraa guddaa kennaa jiraachuu obbo Taaggasaan ibsaniiru.

Deeggarsa Eemireetonni Araba Gamtoomanii Ityoophiyaaf taasistuuf galateeffataniiru.

Hariiroon Ityoophiyaa fi Eemireetota Araba Gamtoomanii bara Nabiyyuu Mahaammad irraa kaasee baroota dheeraaf kan turee fi ammas cimee kan itti fufe  ta’uu yaadachiisaniiru.

Yeroo dhiyoo asitti ammoo hojiilee lammiileerratti xiyyeeffatanii fi hojiilee misoomaa biroorratti dhiyeenyatti waliin hojjechuuf sadarkaa hoggantootaatti waliigalteewwan mallatteeffaman yaadachiisaniiru.

 Hiikaa Ayyaana Adwaa fi duudhaalee inni argamsiise yaadachiisuun ayyaanichi kan hunda keenyaati jedhaniiru.

Fireehiywoot Saffiwutu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.