Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan idil Addunyaa Hararii kabajamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) – Guyyaan idil Addunyaa Hararii 26ffaan magaalaa Hararii Istaadiyeemii Imaam Ahimaditti kabajamaa jira.

Guyyaan kun bara darbe Kaanaadaatti kabajamuun kan yaadatamuudha.

Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahii, Pireezidaantii naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo dabalatee Hoggantoota Mootummaa Federaalaa fi naannoo, akkasumas kutaaleen hawaawaa garaagaraa saganticharratti hirmaachaa jiru.

Guyyaan kun har’aa eegalee guyyoottaan kurnaan itti aananiif sagantaalee garaagaraan ni kabajama jedhame.

Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.