Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan hundeeffama Ajaja Bahaa waggaa 47ffaan kabajamaa jira

Finfinnee, Hagayya 30, 2016 (FBC) – Guyyaan hundeeffama Ajaja Bahaa waggaa 47ffaan naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jira.

Itaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Pireezidaantii Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad dabalatee qondaaltoonni Olaanoon Raayyaa Ittisaa saganticharratti argamaniiru.

Ajajni Bahaa waggoottan 47darban injifannoowwan hedduu galmeessuun ajaja seenaa hojjete ta’uu Walitti Qabaan Koree Qophii ayyaanichaa Birgaader Jeneraal Nuuruu Muuzayin himaniiru.

Ajajichi ergama kamuu ga’umsaan raawwachuu kan danda’u ajaja ga’umsa waraanaa olaanaa qabu ta’uu eeraniiru.

Naannoo Somaaleetti nageenyi waaraan akka mirkanaa’u gumaachi Ajajni Bahaa taasiise seenaa ummata naannichaan bara baraan kan yaadatamu ta’uu Kantibaan Magaalaa Jigjigaa Injinar Shaafii Ahimad dubbachuu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.