Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan HIV/AIDS sadarkaa naannoo Oromiyaatti Jimmaatti kabajame

Finfinnee, Muddee 2, 2012 (FBC) – Guyyaan HIV/AIDS sadarkaa naannoo Oromiyaatti magaalaa Jimmaatti kabajame.

Guyyichi sadarkaa addunyaatti si’a 32ffaaf, Ityoophiyaatti ammoo si’a 31ffaaf marii paanaalitiin kabajamee oolera.

Itti aanaan hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Nagaash Simeen tamsa’inni HIV/AIDS sadarkaa biyyaatti %0.9, akka naannoo Oromiyaatti ammoo %0.6 ta’uu ibsaniiru.

Tamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf hojii hojjetamaa jiruun hir’achaa dhufuu ibsaniiru.

Ammas taanan qooda fudhattoonni hundi ittisaa fi to’annoo tamsa’ina vaayrasichaarratti hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Waltajjicharratti hirmaattonni 500 ol argamaniiru.

Haaluma walfakkaatun guyyichi sadarkaa naannoo Gaambeellaattis kabajamee oolera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.