Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan galmee waliigaltee kireessaa fi kireeffataa dheerate

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) –Biiroon Bulchiinsaa fi Misooma Manneenii Magaalaa Finfinnee guyyaa galmee waliigaltee seera qabeessaa kireessaa fi Kireeffataa dheeresseera.

Biirichi Waxabajjii 1-30, 2016’tti kireessitoonni dhuunfaa magaalattitti argaman kireeffattoota waliin waliigaltee seera qabeessaa dhiyeessuun galmee akka gaggeesaan ibsuun ni yaadatama.

Waxabajjii 1-26, 2016tti waligalteen kireesaa fi Kireeffataa kumni 248 fi 469 raawwachuu ibsameera.

Haaluma kanaan lakkoofsi namoota hin galmaa’iin hafanii hedduu ta’uu isaan hanga Adoolessaa 24,2016tti waliigalticha raawwachuun kan danda’amuu ta’uu ragaan Biirichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.