Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Dhiiga arjoomtotaa Adduyaa kabajame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2012 (FBC) – Guyyaan Dhiiga arjoomtotaa Adduyaa kabajameera.

Guyyaan dhiiga arjomtoota akka addunyaatti kabajamu Ityoophiyaatti yeroo 17ffaaf kabajame.

Ministirri Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa baga guyyaa dhiiga arjoomu 17ffaa isin ga’e jechuun dhiiga arjoomuun lubbuu oolchuuf kennaa cimaa kennitaniif isinaan galateeffadha jedhaniiru.

Weerara vaayrasii koroonaa biyyattii keessatti mudateen walqabatee hanqina dhiigaa mudate furuuf deeggarsa arjoomtonni dhiigaa gumaachan karaa fuula feesbuukiisaanii galateeffataniiru.

Dhiiga walitti qabuu, qorachuu fi dhiigni dhaabbilee fayyaaf yeroon akka ga’u hojii ogeessonni Baankii dhiigaa hojjetaa jiranis galateeffataniiru.

Yeroo weerara Covid-19 kanatti yaalamtoota dhiigni barbaachisu yeroon akka argataniif deeggarsa gochaa turan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.