Guyyaan dhibee Qurcii addunyaa 21ffaan kabajame
Finfinnee, Amajjii 17, 2012 (FBC) – Guyyaan dhibee Qurcii addunyaa 21ffaan har’a kabajameera.
Guyyaan dhibee Qurcii addunyaa 21ffaan kun mata duree ‘tajaajila jaalalaa fi dhugaa hunda galeessa ta’e laachuun hawaasa dhibee Qurcii irraa bilisa ta’e yaa uumnu’ jedhuun kabajameera.
Ayyaanicha irratti ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa dabalatee, bakka buutoonni waajjira muummee ministiraa, dhaabbileen waammamoo fi itti gaafatamtoonnii dhimma hawaasummaa fi hojjetaa argamaniiru.
Qophicha irratti barreeffamni qorannoo dhiyaachuun mariin paanaalii gaggeeffamuu isaa ragaan Ministeera Fayyaa argame ni mul’isa.