Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Dargaggoota Addunyaa magaalaa Hawaasaa fi Jigjigaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Hagayya 6, 2015 (FBC) – Guyyaan Dargaggoota Addunyaa mata duree ‘hirmaannaa fi fayyadamummaa dargaggootaa nageenya waaraaf’ jedhuun magaalaa Hawaasaa fi Jigjigaatti kabajamaa jira.

Sirna kanarratti Artiistootaa fi Gaazexeessitoota dabalatee ogeeyyiin aartii argamaniiru jedhame.

Magaalaa Hawaasaa bakka ga’umsa Turistii taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu Kantibaan magaalichaa gargaaraan Piroofeesaraa Tsaggayyee Tukkeen ibsaniiru.

Guyyaa kana sababeeffachuun hojiileen tola ooltummaa garaagaraa gaggeeffamuu eerameera.

Akkasumas guyyaan dargaggoota Addunyaa kun Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaattis kabajameera.

Sirnicharrati Pireezidaantii Naannoo Somaalee Obbo Musxaafee Mahammad ,Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen argamuun biqiltuus dhaabaniiru.

Xilahuun Yilmaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.