Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Bunaa Kabajamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC) – Guyyaan Bunaa sadarkaa biyyaatti bakka Pireezidaanti Saahilawarqi Zawdeen argamanitti Magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.

Guyyaan Bunaa kun Mata duree “Bunni keenya, waliin jireenyaa fi Badhaadhinaaf” jedhuun kabajamaa jira.

Saganticharratti Pireezidaantii FDRI Saahilawarq Zawdee, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantootni olaanoo mootummaa federaalaa fi naannoolee, keessummoonni, qonnaan bultootni, ogeeyyiin, al-ergitootnii fi waldaaleen hojii bunaarratti milkaa’ina argamaniiru.

Bara baajataa darbe Ityoophiyaan Buna alatti ergiterraa Doolaara biiliyoona 1.42 argachuu walqabatee guyyaan bunaa kun kabajamaa jiraachuu ibsameera.

Bara 2015n keessa ammoo Buna alatti ergamurraa Doolaara biiliyoona 2 argachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Saganticharratti qaamolee Oomisha Bunaarratti bobba’an, al ergitootaa fi qooda fudhattootaaf beekkamtii fi badhaasni laatameera.

Amartii Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.