Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan boruu magaaloota Oromiyaa hunda keessaatti guyyaa duula qulqullinaa ta’ee oola jedhame

Finfinnee, Amajjii  21, 2014 (FBC)- Guyyaan Boruu magaaloota Oromiyaa hunda keessaatti guyyaa duula qulqullinaa ta’ee  akka ooluu Hogganaan Biiroo Misoomaa Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Guyyoo Galgaloon ibsaniiru.

Guyyaa boruu jiraattonni magaalota Oromiyaa hundi duula qulqullina magaalaarratti akka hirmaatan obbo Guyyoon ibsa miidiyaleef laataniin himaniiru.

Kaayyoon kanaas magaalota jiraattota isheef mijooftuu taate uumuudha jedhan.

Kunis baatiin torbee jalqabaa torbee dubbisaa, torbeen lammaffaa Maas ispoortii, torbeen sadaffaa qulqullina, inni arfaffaammoo daandii tiraafikarraa bilisaa ta’ee uumuun waggaa guutuuf labsameera.

Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.