Fana: At a Speed of Life!

Icciitiin birmadummaa fi bilisummaa keenyaa tokkummaa keenya- Afyaa’ii Caffee

Finfinnee, Qaammee 3, 2016 (FBC)- Guyyaan Birmadummaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti mataduree “Daneessummaa Birmadummaa Hunda Galeessaaf ! ” jedhuun agarsiisa qaamoolee nageenyaa fi marii paanaaliin kabajameera.

Saganticharratti Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde sa’aadaa Abdurrahmaan, akkuma gootoonni Itiyoophiyaa birmadummaa biyya keenyaa eegsisuun asiin gahan dhaloonni kunis diinoota birmadummaa biyya keenyaa diiguuf yaalan irratti qabsaa’uun seenaa abbootii keenyaa ittifufsiisuu qaba jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Qaamoleen Nageenyaas, wabii birmadummaa biyya keenyaati jedhanii, calaqqee sabdaneessummaa, saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni hundi keessatti of arganii fi gaachana ummattoota Itiyoophiyaa ta’uu himaniiru.

Icciitiin birmadummaafi bilisummaa keenya tokkummaa keenya jedhanii, ammas diinoota alaafi keessaan aggaammii birmadummaa keenya irratti araawwataman tokkummaan irratti qabsaa’uun birmadummaa biyya keenyaa eegsisuun dhalootaaf dabarsuuf hojjechuun gahee lammiilee hundaa ta’uu dubbataniiru.

Komishinarri Itti Aanaa Poolisii Oromiyaa Abbabaa Laggasaa gamasaaniin diinoonni birmadummaa Itiyoophiyaa diiguuf yaalanillee wareegama qaqqaalii gottonni biyyattii kaffalaniin birmadummaan ishee eegamee as gaheera jechuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ammas birmadummaan biyya keenyaa gootoota Itoophiyaa har’aatin eegamee kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.