Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan barsiisoota adduunyaa Yuunivarsiitii Jimmaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 5, 2015(FBC)- Guyyaan barsiisoota adduunyaa mata duree “Ce’umsii barumsaa barsiisotaan eegala” jedhuun Yuunivarsiitii Jimmaatti kabajamaa jira.

Pireezidaantiin Waldaa Barsiisotaa Ityoophiyaa Dooktar Yohaannis Bantiin, qulqulina barnootaa mirkaneessuuf, qorannoowwaniifi ijaarsa ga’umsa barsiisootaa cimsuu irratti xiyyeeffatamee hojjatamaa turuu yaadachiisaniiru.

Hojii Mirgaafi faayidaa barsiisootni argatan mirkaneessuuf hojjatameen, hanga bara 2014tti barsiisoonni kumni dhibbi1 fi kumni 10 ol bakka mana jireenyaa itti ijaarratan argachuu ibsaniiru.

Guyyaa barsiisotaa Yuunivarsiitii Jimmaatti kabajamaa jiru kanarratti qorannoowwan garaagaraa dhiyaatanii irratti kan mari’atamu ta’uu eerameera.

Sirnicharratti bakka bu’ootni barsiisotaa naannoolee garaagaraa hirmaataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.