Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan barattoonni dhaabbilee fi gosa barnootaa itti filatan dheerachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Guyyaan barattoonni dhaabbilee fi gosa barnootaa itti filatan dheerachuu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Barattoonni qabxii Yuunvarsiitiwwan mootummaatti ramadamuuf isaan dandeessisu galmeessan guyyaan Yuunvarsiitii fi muummee barnootaa itti filatan dheerachuu ministeerichi beeksiiseera.
Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2013 fudhatan ramaddii Yuunvarsiitiwwan mootummaatti argachuuf qabxii isaan dandeessisu galmeessan kana dura filannoo dhaabbilee fi muummee barnootaa gaggeessuun turuun kan yaadatamuudha.
Ministeerri Barnootaa yeroo dhiyootti ramaddii barattootaa kan gaggeessu ta’uu hubachuun, ragaalee armaan gadiin akka iyyatan gaafateera.
Humna simannaa Yuunvarsiitiwwanii, qabxii giddu galeessaa barattootaa, fi kanneen biroo yaada keessa galchuun filannoo Yuunvarsiitiwwanii hanga Bitootessa 19, 2014tti karaa http://Portal.neaea.gov.et seenuun akka sirreessan.
Ramaddii booda komii fi gaaffiin keessummeessu kamiiyyuu kan hin jiraanne ta’uu ministeerichi beeksiiseera.
Gama biroon sababa fayyaa fi dhimmoota adda addaan barattoonni ramaddiin isaanii akka ilaallamuuf gaafatan hanga Bitootessa 19, 2014 karaa fuula https://student.ethernet.edu.et/ dhiyeeffachuu kan danda’an yoo ta’uu,qaamaan dhiyaachuun komii fi ragaan keessummeessu kan hin jirre ta’uu hubachiiseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.