Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Ityoophiyaa 15ffaan Finfinnee Hoteela Iskaaylaayititti marii Paanaaliitiin kabajamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC) – Saboonni, Sablammoonnii fi Ummattoonni Ityoophiyaa akka ya’a laggeeniiti; burqaawwan lafa tokkoorraa burqanii laga ta’anii humna guddaan kan ya’ani jedhan Itti Aanaa Muummee Ministiraa obbo Dammaqaa Mokonnin.
Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Ityoophiyaa 15ffaan Finfinnee Hoteela Iskaaylaayititti marii Paanaaliitiin kabajamaa jira.
Waltajjii Marii kanarratti Prezdaantonni naannolee hundi, bakka buutonni saboota, sab- lammootaa fi uummattoota biyyattii argamaniiru.
Waltajjicha haasaawaan kan bana, Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Adam Faaraah Sadaasni 29 guyyaa Heerri Mootummaa Ityoophiyaa itti ragga’e; kanaaf guyyaa kana dhimmoota tokkummaa sabootaa caalaatti cimsan irratti xiyyeeffachuun, aadaafi duudhaa adda addaa miidhagina biyya kanaa ta’an leellisuu qabna jedhan.
Riifoormiiwwan sadarkaa biyyaatti gageeffameef gaaffiin saboonni walqixxummaa diinagdee, hawaasummaafi siyaasaarratti kaasaan isa bu’uuraati jedhan.
Kanaaf biyya waloo lammiileen hundi wal qixa keessatti walabummaan hojjatanii gaaffii siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa qabaniif deebii itti argatan ijaaruuf ni hojjanna jedhan.
Obbo Dammaqaa Mokonnin, kabajni ayyaana baranaa adda; yerootti Raayyaan Ittisa Biyyaa humna garaagarummaa sabootaa, sablammootaa fi ummattoota biyyattii bal’isuun wal nu nyaachisaa turerratti raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii fudhatetti kabajaa waan jirruuf jedhan.
Saboota, sablammoota afi uummattoota biyyattiis ya’aa laggeeniin wal fakkeessan; burqaa gara garaatu lafa tokkorraa burqee laga jabaa tokko ta’ee ya’a jedhaniru
.
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.