Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Alaabaa wayita kabajnu tokkummaan gara milkaa’inaatti imaluuf waadaa keenya guyya itti haaressinudha-Afyaa’ii Caffee

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2017 (FBC)- Guyyaan Alaabaa wayita kabajnu tokkummaan gara milkaa’inaatti imaluuf waadaa keenya guyya itti haaressinuudha jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan.

Aadde Sa’aadaan guyyaa Alaabaa kabajamu ilaalchisuun erga dabarsaniin, Alaabaan mallattoo birmadummaan biyyaa, taayitaan siyaasaafi walabummaa, guddinni diinagdee fi hariiroon waliin jireenya ummataa kan ittiin mirkanaa’udha ta’uu hubachiisaniiru.

Guutuu ergaa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Alaabaan, birmadummaafi bilisummaa biyyaa mirkaneessa. Karaa salphaan eenyummaa, aadaa, amantaa, seenaafi duudhaa ummataa calaqqisiisa. Mallattoo biyyaa ta’ee tajaajila.

Itiyoophiyaan biyya sirna koloneeffattoota Awurooppaanotaaf hin jilbeeffannedha. Gootummaa ijoollee isheen siidaa Aduwaa addunyaaf gumaachuu biyya dandeessedha.

Gurraachota Afriikaaf ammoo, fakkeenya addaafi mallattoo injifannoo taatee kan beekamtudha.

Biyyi keenya, wareegama qaalii saboota, sablammootaafi ummattootaan birmadummaa ishee tikfachuun har’a geesse.

Imala kana keessatti, ummanni Oromoo ummattoota obbolaa isaa waliin ta’uun, Itiyoophiyaa dhiigaafi lafee isaan utubuun har’aan gahuu keessatti qooda olaanaa qaba.

Gootonni Oromoofi fardeen isaanii seenaa addaa Aduwaa irratti galmeessaniin xurree birmadummaa tattaraaranii dhaloota har’aa injifannoo dhaalchisanii jiru.

Atileetonni Itiyoophiyaa, Abbabaa Biqilaafi Daraartuu Tulluu irraa eegalee Alaabaa Itiyoophiyaa dirree Ispoortii idil-addunyaa irratti olkaasanii mirmirsuun beekamu.

Biyyi daangaa abbaa biyyummaa kabachiifachuun weerara alaa ofirraa qolachuun injifannoo isaa kan ittiin mirkaneessu alaabaa isa bakka bu’u dirree injifate irratti mirmirsuudhaani.

Alaabaan mallattoo birmadummaan biyyaa, taayitaan siyaasaafi walabummaa, guddinni diinagdeefi hariiroon waliin jireenya ummataa kan ittiin mirkanaa’udha.

Ummanni keenya, maalummaafi kabaja Alaabaa isaa qajeelloon ummata hubatee beekudha. Kanaafis, dirree hunda irratti injifannoon dabaalee seenaa Itiyoophiyaa olkaasee kan mul’isedha.

Hiikkoon Alaabaan ummata keenyaaf qabus kanarraa kan maddeefi bu’uurri isaa gootummaa injifannoon dabaaledha. Alaabaan Itiyoophiyaa calaqqee sabdaneessummaa, afdaneessummaafi daneessummaa amantaati.

Lammiileen kabajaafi jaalala Alaabaa isaaniif qaban caalmaatti akka dagaagsaniif, duudhaalee Alaabaa dhaloonni beekee akka guddatuuf Bara 2001 irraa eegalee waggaa waggaan guyyaan kun yaadatamee akka ooluuf murtaa’ee waggoottan 16n darbaniif kabajamaa tureera.

Yeroo kanarraa eegalee, guyyaan Alaabaa baatiin Onkoloolessaa seenee torban Wiixata duraa waggaa waggaan manneen barnootaafi waajjiraalee mootummaa keessatti kabajamaa jira.

Kunis, dhaloonni har’aa hiikkaa, wareegama dhaloonni kaleessaa Alaabaaf kaffalaa ture akka hubatuuf, Alaabaan duuba biyyi birmadummaa ishee gootota lammiilee isheen eeggatte akka jirtu hubachuun kabajaafi jaalala Alaabaa biyya isaaf akka qabaatu; birmadummaafi bilisummaa biyyaa kabachiisuuf gahee isaa akka bahatuuf, biyya diinagdeen badhaate ijaaruu keessatti qooda isaa akka gumaachuuf yaadamee kabajamaa jira.

Itiyoophiyaan, qormaatilee hanga ammaatti ishee mudachaa turan hunda injifannoon cehuun, diinota birmadummaa isheetti aggaaman hundatti waaroo salphinaa uffisuun tokkummaa ummattootaan Itiyoophiyaa utubdee obbolummaa sabdaneessummaa walqixxummaa irratti hundaa’een biyya ijaaraa har’a geessee jirti.

Guyyaan Alaabaa bara kana Marsaa 17ffaaf Onkoloolessa 04 Bara 2017 “Alaabaan Keenya Tokkummaa Biyyaalessaaf, Birmadummaa fi Olka’iinsa Itiyoophiyaaf! mata duree jedhuun guutuu biyyaatti kabajama.

Sadarkaa Naannoo keenyaattis, bara kana karaa adda ta’een gurmaa’iinsa haaraa sadarkaa Gandaatti hundaa’e sababeeffachuun sosochii ummataan deeggaramee ni kabajama.

Wayita guyyaa kana kabajnu, injifannoowwan ijaarsa Itiyoophiyaaf arganne qabannee, galmoota misoomaa fayyadamummaa lammiilee giddu gala godhate milkeessuuf Alaabaa keenya qabannee tokkummaan gara milkaa’inaatti imaluuf waadaa keenya guyyaa itti haaressinudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.