Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Alaabaa Mooraa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC) – Guyyaan Alaabaa 16ffaan Mooraa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti kabajameera.

Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdee, Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo fi Af Yaa’iin Mana Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar saganticharratti argamaniiru.

Guyyichi mata duree ‘Olka’iinsi Alaabaa Keenyaa wabii tokkummaa sabdaneessummaa fi birmadummaa keenyati jedhuun kabajameera.

Alaabaan Itiyoophiyaa faajjii wareegama abbootii, haadholii, bilisummaa fi birmadummaa ta’uu Pireezidaanti Saahilawarqi ibsaniiru.

Bilisummaa fi Tokkummaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf Abbootii fi haadholiin wareegame olaanaa kaffaluu isaanii eeraniiru.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.