Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Alaabaa magaalota godinaalee garaagaraatti kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC)- Guyyaan Alaabaa magaalota godinaalee Naannoo Oromiyaa garaagaraatti kabajameera.

Haaluma kanaan guyyaan Alaabaa biyyaaleessaa yeroo 16ffaaf kabajame Magaalaa Jimmaattis kabajameera.

Sirnicharratti Afyaa’ii Itti Aantuu magaalaa jimmaa aadde Kadijjaa Moggaa haasawa taasisaniin, guyyaan kun guyyaa faajjiin biyya keenyaa kalltytii hundaan qixa mirmirfamuudha jedhan.

Sirnicharratti qaamooleen nageenyaa fi qondaaltonnii fi hawaasni magaalichaa biroon argamaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti guyyaan Alaabaa bakka Afyaa’ii Ittaantuun Mana Maree Magaalaa Shaggar Aaddee Tsahaay Dabalee, Kantiibaa Ittaanaan Magaalaa Shaggar Obbo Gugsaa Dajanee, Pirezedaantii Mana Murtii Olaanaa Mana Murtii Magaalaa Shaggar Obbo Kumalaa Buusaa fi qaamoleen biroon argamaniitti kabajameera.

Abdurrahmaan Mahammaditu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.