Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Alaabaa Biiroolee Naannoo Oromiyaa garaagaraatti kabajame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC)-Guyyaan Alaabaa “Olka’insi Alaabaa Keenyaa Wabii Tokkumma Sabdaneessaafi Birmadummaa Keenyaati” jedhuun kabajamaa jira Biiroolee Naannoo Oromiyaa garaagaraatti kabajameera.

Haaluma kanaan Caffee Oromiyaatti guyyichi kan kabajame yoo ta’u, sirnicharratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan, Pireezidaantii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Obbo Gazaalii Abbaa Simal dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Alaabaan bakka bu’aa biyyaati, mallattoo bilisummaa ta’ee kan tajaajilu ta’uu Aadde Sa’aadaan ibsaniiru.

Nuti Itiyoophiyaanonni kabajaa fi ulfina Alaabaaf jecha wareegamaa har’a geenyeerra jedhan.

Alaaban Naannoo Oromiyaa Sirna Gadaa ka’umsa kan taasifate ta’uu eeraniiru.

Guyyaa alaabaa bara kanaa yeroo kabajamu waggoottan 5’n darban dogongora seenaa muudatan mareefi marabbaan furuun adda taasisa jedhaniiru.

Kana malees guyyichi, Waajjira Paartii Badhaadhina damee Oromiyaatti kabajameera.

Caffee Oromiyaatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Misooma Magaalaa Obbo Abdulqaadir Huseen, Itiyoophiyaan gootummaa ijoollee isheetiin garbummaa of irraa qolachuun biyya Afrikaanotaaf fakkeenya taatedha jedhan.

Kaayyoon kabaja guyyaa Alaabaas dhaloonni kabaja Alaabaaf aarsaa kaffalamee fi hikkaa Alaabaa hubachiisuun, biyya birmadummaan ishee eegamee fi hiyyummaa injifatte dhaalchisuuf ta’uu himaniiru.

Mulugeetaa Girmaa fi Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.