Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Alaabaa bara kanaa Onkololeessa 7, 2015 kabajama jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2015 (FBC) – Guyyaan Alaabaa Onkololeessa 07, 2015 Sadarkaa Biyyaalessaa fi Naannoo Oromiyaatti kan kabajamu ta’uu Caffeen Oromiyaa beeksiiseera.

Guyyaan kun barana yeroo 15ffaaf mata duree ‘Alaabaan Keenya Ibsituu Heddumminaa fi Utubaa Birmadummaa Keenyaati’ jedhuun kan kabajamuu ta’uu himameera.

Dhaloonni hiikoo Alaabaan birmadummaa biyyaa keessatti qabu beekee kabajaafi ulfina isaaf malu kennuufii akka danda’uuf guyyaan Alaabaa bara kanaa sirnoota adda addaan kabajama jedhame.

Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti, Godinaalee, Aanaaleefi Magaalota hunda, akkasumas, manneen barnootaa fi dhaabbilee mootummaa hunda keessatti sirnoota garaa kan kabajamuu ta’uu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.