Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Afrikaa kabajame

Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC) – Guyyaan Afrikaa magaalaa Finfinneetti kabajameera.
Guyyaan Afrikaa hundeeffama Gamtaa Afrikaa bara 1963 hordofee kan kabajamuudha.
Guyyaan kun har’a magaalaa Finfinnee fi biyyoota Afrikaa garaagaraa keessatti sagantaalee adda addaan kabajameera  jedhame.
Saganticharratti barreeffamoonni hog barruu, fakkiin, bocnii fi ogummaawan seenaa Afrikaa ibsan agarsiisaaf dhiyaataniiru jedhame.
Guyyaa kana sababeeffachuun Preezdaantii Raashiyaa fi Ministeera Dhimma Alaa Turkii dabalatee hoggantoonni biyyoota garaagaraa ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Saganticharratti Ministir Deettaa Ministeera Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaa aadde Hiyiwat Hayiluu, ambaasaaddaroota teessoo isaanii Finfinnee taasiisan dabalatee hoggantoonni hojii fi keessummoonni waamichi godhameef argamaniiru.
Abduulhaamiid Muhaammadiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.