Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Afaan dhalootaa idil addunyaa magaalaa Finfinneetti qophii garaagaraan kabajame

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Guyyaan Afaan dhalootaa idil addunyaa magaalaa Finfinneetti qophii garaagaraan kabajameera.

Sirnicharratti Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa teesoo isaanii Finfinnee taasisatan, hoggantoonni mootummaa olaanoonii fi bakka bu’oonni Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii argamaniiru.

Addunyaa keenyarraa daa’imman 10 keessaa 4 afaan dhaloota isaaniin barnoota kan hin baranne ta’uu DhMG Daayrektarri Dhaabbata Barnoota, Saaynsii fi Aadaa “ UNISCO” Ityoophiyaa Yuumiikoo Yuukoozakiin ibsaniiru.

Dhalli namaa mirga afaan dhaloota isaatiin barachuu fi hojiilee jireenya isaa biroo ittiin gaggeeffachuu kan qabu ta’uu eeraniiru.

Dhaabbatichi barattoonni ol adeemoon hundi afaan dhalootaa isaaniitiin barnoota akka argatan taasisuuf kutannoo kan qabu ta’uu addeessaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Aadaa fi Tuurizimii obbo Masfin Charinnat gamasaaniin Ityoophiyaan istiraateejii mataasheen hogganamuun barattoonni hundi barnoota sadarkaa jalqabaa afaan dhalootasaaniin barnoota akka argatan taasisuu eeraniiru.

Ityoophiyaan aadaa fi afaaniin soorettii ta’uu kaasuun yeroo ammaa afaaninni dhalootaa 55 tajaajilarra jiraachuu ibsaniiru.

Wandawasan Araggahaanyitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.