Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaarratti miseensotaa Poolisii gochaa hinmalle raawwatanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa kabajamerratti miseensota Poolisii gochaa hinmalle raawwatanirratti tarkaanfii seeraa fudhachuu fi kanneen biroorratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa beeksise.
 
Humnichi Waloo Yaa’iin Gamtaa Afrikaa fi yaadannoon guyyaa injifannoo Adwaa nagaan xumuramuuf gahee jiraattoonni magaalattii bahataniif galateeffateera.
 
Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa Magaalaa Finfinneetti kabajamerratti nageenya booressuu, hokkaraa fi jeequmsa kaasuuf karoorfatanii kan socho’aa turan shakkamtootaa 878 to’annoo jalaa oolchuu fi kanneen keessaa 557 kutaalee biyyattii irraa kan dhufan ta’uu mirkanaa’uu ibsameera.
 
Komishinarri Koomishinii Poolisii Finfinnee fi Miseensi Humna Waloo Tikaa fi Nageenyaa Geetuu Argaawu haala nageenya magaalattiirratti ibsa kennaniiru.
 
Kabajaa guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaarratti miseensota Poolisii gochaa hinmalle raawwatanirratti tarkaanfii fudhachuu fi kanneen biroorratti qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Guyyichatti Mana Amantaa Giyoorgis hordoftoota amantichaa fakkaachuun seenuun, qaamolee nageenyaarratti dhagaa darbachuun miidhaa geessisuu eeruun, nageenyaa magaalattii booressuuf qaamoleen qindoominaan socho’an jiraachuun bira ga’ameera jedhan.
 
Guyyichatti rasaasa dhukaafameen namni tokko du’uu eeruun qorannoo fi hojin adda baasuu gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.
 
Kana malees, miseensi poolisii nama fardarraa ta’urratti gochaa hinmalle rawwaterratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatame himaniiru.
Naannawaa Piyaasaa Gamoo Araadaatti qabeenyaa mancaasuu fi saamuuf yaalii taasifamee turuu yaadachiisuun tattaaffii qaamolee nageenyaan to’atamuu himaniiru.
 
Guyyichatti miseensota poolisii 16 irra miidhaan cimaan yoo qaqqabu Awutoobisoonni sadii fi Ambulaansiin tokko caccabuu ibsuu TOI gabaaseera.
 
Gama biraatiin guyyaa kaleessaa Kutaa Magalaa Nifaas Silki Laaftootti konkolaachiftoonni baajaajii 100 ol magaalatti naannawaa dhorkamanitti seennee hojjenna jechuun daandii cufuu fi dhagaa darbachuun sochii tiraafikaa gufachiisuun, rakkoo uumuuf yaalii taasisuu ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan, poolisootaa fi namoota nagaa akkasumas qabeenyaarraa miidhaan qaqqabuu ibsuun, namoota rakkoo kana uuman qaamoleen nageenyaa to’annoo jala oolchaa jiraachuu Komishinarichi ibsaniiru.
 
Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa, nageenya magaalattii fi jiraattotaa eeguuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
#Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.