Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaaf qophii gahaan taasifameera-Obbo Aganyawu Tashaagar

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)-Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaaf kabajuuf qophiin gahaan taasifamuu Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar ibsan.

Obbo Aganyawu Magaalaa Jigjigaatti argamuun qophiilee kabaja guyyichaaf taasifamaa jiran daawwataniiru.

Pireezidaantii Itti Aanaan Naannoo Somaalee Ibraahiim Husmaan guyyaa saboota, sablammootaa fi ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaa kabajuuf qophii bal’aan taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiileen hafan jiraatanillee guyyoottan dhufan hirmaannaa bal’aan akka xumuraman amantaa qaban ibsuun, hojiin naannichaa beeksisuus xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Guyyichi mata duree “Sabdaneesummaa fi walqixummaa tokkummaa biyyaalessaaf” jedhuun Naannoo Somaalee magaalaa jigjigaatti Sadaasaa 25-29, 2016 sagantaalee garaagaraan akka kabajamu ragaan Mana Maree Federeeshiniirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.