Guyyaa sabaaf sablammootaa 18ffaa sababeeffachuun Agarsiifni Daldalaa fi Baazaariin baname
Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Magaalaa Jigjigaatti Guyyaa sabaaf sablammootaa 18ffaa sababeeffachuun Agarsiifni Daldalaa fi Baazaariin banameera.
Guyyichi bara kana yeroo 18ffaaf mata duree Heddumminnii fi Walqixxummaan tokkummaa biyyaalessaaf jedhuun sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
Guyyaa kana sababeeffachuun Agarsiifni Daldalaa fi Baazaariin aadaa fi duudhaalee sabaaf sablammoota biyyattii mul’isan banamaniiru.
Agarsiifni Daldalaa fi Baazaariin kun Oomishtoota, Dhiyeessitootaa fi Shamattoota gidduutti walitti hidhamiinsa uumuuf kan dandeessisu ta’uu eerameera.
Malaakuu Gadiftu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.