Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa sabaaf sablammoota Itityoophiyaa 19ffaa akkaataa sirna Sabdaneessummaa cimsuun kabajuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC) – Guyyaa sabaaf sablammoota Itityoophiyaa 19ffaa akkaataa sirna Sabdaneessummaa caalmaatti cimsuun kabajuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar ibsan.

Koreen qindeessaa fi miseensonni Manaajimantii Mana maree federeeshinii raawwii qophii ayyaanichaa gamaaggameera.

Ayyaanichi bara kana Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti akkaataa tokkummaa fi sabadaneessummaa caalmaatti calaqqisisuun kan kabajamu ta’uu eeraniiru.

Sadarkaa qabeenya kuufamaa naannichaa beeksisuun kabajamuu akka qabu Obbo Aganyahu Tashaagar hubachiisaniiru.

Naannoleen duudhaa michummaa, tokkummaa fi obbolummaa cimsuurratti xiyyeeffachuun ayyaanichaaf akka qophaa’aan kallattii kaa’aniiru.

Guyyaan Sabaaf sablammoota Itiyoophiyaa 19ffaan mata duree ‘waliigaltee biyyaalessaa, tokkummaa sabdaneessummaaf’ jedhuun Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti kan kabajamu ta’uu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.