Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa Sabaaf Sablammoota ilaalchisuun agarsiisni aadaa baname

Finfinnee, Sadaasa 26, 2016 (FBC)- Guyyaa Sabaaf, Sablammoota Ummatoota Itiyoophiyaa 18ffaa ilaalchisuun agarsisni Aadaa Magaalaa Jigjigaatti banameera.

Guyyaan Sabaaf sablammootaa 18ffaan mata duree “Heddumminaa fi walqixxummaa tokkummaa biyyaalessaaf” jedhuun Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.

Guyyaa har’as Sadaasa 26 “Guyyaa Hedduminaa” sababeeffachuun agarsisni aadaa banameera.

Sagantaa kanarratti Aadaa, duudhaa, eenyummaa Saboonni fi Sablammoonni kan calaqqisiisan meeshaaleen Aadaa garagaraa agarsisaaf dhiyaataniiru.

Malaakuu Gaddif, Dassaalanyi Abarraatiin

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.