Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa Sabaa fi Sablammootaa 18ffaaf keessummoonni Magaalaa Jigjigaa galaa jiru

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC)- Guyyaa Sabaa fi Sablammoota Ummatootaa Itiyoophiyaa 18ffaa kabajuuf keessummoonni Magaalaa Jigjigaa galaa jiru.

Guyyan Sabaa fi Sabalammoota baranaa mata duree “Sabdaneessummaa fi walqixxummaa tokkummaa biyyaalessaaf” jedhuun Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti kabajama.

Haaluma kanaan keessummoonni hirmaattoota sagantichaa gara magaalattii galaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Quunnamtii Ummataa fi Kominikeeshinii Mana Maree Federeeshinii Tarrafaa Badhaadhaan ibsaniiru.

Keessummootaafis simannaan taasifamaa jiraachuun ibsameera.

Guyyichi sagantaalee garaagaraan kan kabajamu yoo ta’u, Sadaasa 25 Guyyaa Obbolummaa, Sadaasa 26 Guyyaa Sabdaneessummaa, Sadaasa 27 Guyyaa Waloomaa, Sadaasa 28 Guyyaa Ida’amuu fi Sadaasa 29 Guyyaa Itiyoophiyaa moggaasa jedhuun sagantaalee addaa addaan kan kabajaman ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.