Guyyaa Kanniisaa fi Qorannoo ce’emsa wabii nyaataa idil addunyaa gaggeessuuf qophii gahaan taasiifame – Dooktar Girmaa Amantee
Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Guyyaa Kanniisaa fi Qorannoo ce’emsa wabii nyaataa idil addunyaa gaggeessuuf qophii gahaan taasiifamuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsaniiru.
Dooktar Girmaa Amanteen gargaaraa daayrektara Olaanaa Dhaabbata Qonna Addunyaa fi bakka bu’aa Nannawaa Afrikaa Ababaa Hayilagabre’eel, Itiyoophiyaatti bakka bu’aa dhaabbatichaa Faraayizii Muuddiziin waliin dhimmoota tumsaan hojjechuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Guyyaa Kanniisaa fi Qorannoo ce’emsa wabii nyaataa idil addunyaa 2ffaa qopheeseummaa Itiyoophiyaan gaggeeffamuu fi Inisheetiviiwwan qonnaarratti bal’inaan mari’achuu ibsameera.
Guyyaa Kanniisaa Caamsaa 12 – 14, 2017 fi Qorannoon ce’emsa wabii nyaataa idil addunyaa 2ffaan ammoo Adooleessa 20, 2017 kan gaggeeffamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ityoophiyaa