Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa injifannoo Adwaa 127ffaa haala ho’aa kan kabajan ta’uu jiraattonni magaalaa Adwaa ibsan

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015(FBC)- Guyyaa injifannoo Adwaa 127ffaa haala ho’aa ta’een kan kabajan ta’uu jiraattonni magaalaa Adwaa ibsaniiru.

Jiraattonni magaalichaa turtii Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin, kabaja Ayyaana injifannoo Adwaa tokkummaafi waliin jireenya ittiin cimsuuf itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.

Jiraattonni magaalichaa jala bultii injifannoo Adwaa 127ffaa sababeeffachuun waldorgommii fiigichaafi duula qulqullinaa gaggeessaniiru.

Adwaan mallattoo tokkummaa Ityoophiyaanotaa ta’uu kan eeran yoo ta’u, waggoottan lameen darbanitti sababa rakkoo nageenyaan ayyaanicha osoo hin kabajiin hafuu kaasaniiru.

Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.