Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa Horsiisee Bultootaa ilaalchisee mariin paanaalii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 13, 2016 (FBC)- Guyyaa Horsisee Bultoota Oromiyaa marsaa 19ffaa kabajamu ilaalchisuun mariin paanaalii Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Obbo Abdurramaan Abdallaa dabalatee qondaaltonni mootummaa keessummoonnii biroon argamaniiru.

Hogganaan Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injiinar Girmaa Raggaasaa haasawaa taasisaniin godinaalee Oromiyaa bakkeewwan hongeef saaxilamaa turan dandamachiisuuf pirojektiiwwan gara garaa sadarkaa Oromiyaatti hojjetamaa jiraachuu yaadachiisan.

Pirojektiin Finnaas hawaasni hongee dandamatee misoomarratti akka fuulleffatuuf shoora olaanaa akka qabus kaasaniiru.

Barreeffamni qorannoo fi qo’annoo jireenyaa horsisee bultootaa foyyessuun akkaataa danda’amurratti xiyyeeffates dhihaachuun irratti mari’atamaa jira.

Guyyaan Horsiisee Bultootaa sadarkaa Oromiyaatti mata duree ”Misooma Horsiise Bulaa Badhaadhina Waloof” jedhuun Boru Magaalaa Adaamaatti kabajama.

Dassaalany Abarraatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.