Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa har’aa dhaabbileen daballii gatii hin malle taasiisan kumni 1 fi 126 cufaman – Dooktar Kaasahuun Goofee

Finfinnee, Hagayya 6, 2016 (FBC) – Guyyaa har’aa dhaabbileen daballii gatii hin malle taasiisan kumni 1 fi 126 cufamuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsaniiru.

Daballii gatii meeshaalee seeraan alaa fi hojiiwwan seeraan alaa kuusaa oomishaa ilaalchisee hordoffii fi to’annoon taasiifamuu jirru itti fufuu eeraniiru.

Bu’uura kanaan dhaabbileen haqa malee gatii dabalanii argaman kumni 1 fi 126 cufamuu, eeyyamni daldalaa dhaabbilee 4 addaan cituu, eeyyamni daldalaa dhaabbilee 2 ammoo haqamuu Dooktar Kaasahuun miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

Tarkaanfii fudhachuun alattis dhaabbileen daldalaa kumni 28 fi 634 sababa seera cabsuunii cufamanii akkaataa seeraa qofaan hojjechuuf qophii ta’uu isaaniitiin deebi’anii banamuun hojiitti deebi’aniiru.

Akkasumas daldaltoota hanga ammaatti hidhaman 594 keessaa daldaltoonni 164 gadi lakkifamuu eeraniiru.

Hoji hordoffii fi to’annoo meeshaalee ijaarsaa irrati taasifameen dhaabbile seeraan ala gatii dabalan 37 kan simintoo, 13 kan sibiilaa, 21 kan qorqqorro fi kan seraamikii 5 cufamuu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.