Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa dubartootaa sababeeffachuun balaliin dubartootaan hogganamu gaggeeffame

Finfinee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Guyyaa Dubartootaa Addunyaa sababeeffachuun guutummaatti balalii dubartootaan hogganamu gaggeesseera.

Guyyaan dubartootaa bakka Hoji Raawwachiisaan Daandii Qilleensichaa Masfiin Xaasawuu, Walitti Qabaan Boordiii Daandichaa Girmaa Waaqee argamanitti kabajameera.

Daandichi balalii gara Zaanzibaaritti taasisu, balaliisaa olaanaarraa eegalee hanga keessumsiistotaa fi teekinishaanaatti dubaartootaan kan gaggeeffameedha.

Kana malees tiraafikaa qilleensaa, nageenyaa balalii, to’annoo fe’umsaa, madaallii balalii hanga ka’umsa xiyyaaraatti guutummaan dubartootaan kan hogganame ta’uun ibsameera.

Guyyaa Dubartootaa Addunyaa ilaalchisuun daandichi waggaa waggaan balaliiwwan dubartootaan hogganaman yoo gaggeessuu kun yeroo 7ffaaf yoo ta’u, balaliistuu dubartii daandii qilleensichaa jalqabaa Kaappiteen Amsaal Guwaaluuniin kan hogganame ta’uu ibsameera.

Qiddisti Tasfaayeetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.